Waaliyaan gitasaa Moorookon inifatame

Finfinnee, Fulbaana 30,2010(FBC)- Gareen biyyoolessaa Ityoophiyaa kaleessa galgala Raabaatitti gitasaa Moorookoo Chaan waliin taba michummaa gaggeessen 4f 0n injifatameera.

Affeeerraa Federeeshinii Kubbaa Miillaa Moorookoon tabni Kibxata gaggeeffamuuf ture sababii hin beekamnreen kaleessa taasifameera.

Gara Gaaboroon imalee Bootiswaanaan kan injifatame Gareen Kubbaa Miillaa Ityoophiyaa Waxabajjiirraa eegalee taboota leenjisaa Ashannaafii Baqqalaan duurfamaa gaggeesse 8 keessaa 1 qofaan injifate. Innuu Jibuutidha.

Moorookoo fi Waaliyaan taba gaggeessaniin; walakkaa jalqabaatti 3f 0n duursaa boqannaa ba’an.

Boqannaan boodas Waaliyaarratti galchiin 1 lakkaawwameera.

Geetaanah Kabbadaan kaardii keelloo lamaan dirreerraa yoo baafamu, leenjisichi tabattootasaa bakka isaanitiin ala akka tabatan taasiseera.

Kilabichi gara Raabaat yoo imalus tabattoota 15 qofaan imale, isaan keessaa 3 karra eegdota.

Waxabajjiirraa kaasee qabxiin galmeessises;

Ityoophiyaa 0 – 0 Yugaandaa(michooma)

Gaanaa 5 0 Ityoophiyaa (gulaallii waancaa Afrikaa)

Jibuutii 1 – 5 Ityoophiyaa (gulalalii Chaan)

Zaambiyaa 0 – 0 Ityoophiyaa (michooma)

Ityoophiyaa 1 - 1 Sudaan(gulaallii Chaan)

Sudaan 1 - 0 Ityoophiyaa (gulaallii Chaan)

Bootiswaanaa 2 - 0 Ityoophiyaa(michumma)

Moorookoo 4 - 0 Ityoophiyaa (michooma)

 

Maddi; Sookar Ityoophiyaa