Obbo Taklawayniin dhiifama gaafatan

Finfinnee, Sadaasa 4,2010(FBC)-Hoji raawwachiisaa Federeeshinii Kubbaa Miillaa Ityoophiyaaf dorgomaa kan turan obbo Taklawaynii Asaffaan ifatti dhiifama gaafatan.

Obbo Taklawayniin Maqaleetti ibsa laataniin, Jimaata ibsin laadhe sirrii miti jechuun dhiifama gaafataniiru.

Hirmaattonni yaa’ichaa taba kilaboota Maqalee fi Walwaaloo Addigiraat gara priimiyar liigiitti guddatan akka laalanii fi istaadiyamii Maqalee akka daawwatan yaadurraa kan madde jedhaniiru.

Muummee ministiraa Haaylamaariyaam Dassaalanii fi dubartoota ilaalchisees wanni isaan dubbatan dogoggora ta’uu amanuun dhiifama gaafataniiru.

Naannoo Tigraay bakka bu’anii hoji raawwachiisaaf akka hin dorgomne kaafamuun isaanii ni yaadatama.

Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Ityoophiyaas dhimma isaaniirratti booru ibsa ni laata.