Taboonni priimiyar liigii Ityoophiyaa torbee 11ffaa har’aa fi boris itti fufaniit gaggeeffamu

Finfinnee, Amajjii 5,2010(FBC) –Taboonni priimiyar liigii Ityoophiyaa torbee 11ffaa kaleessa eegale har’aa fi boris itti fufaniit gaggeeffamu.

Taba kaleessatiin Waldiyaa fi Q/goorgiis 0 qixa ba’aniiru.

Har’a istaadiyamii Finfinneetti Faasiil magaalaa Maqalee waliin sa’aa 10 irratti walarga.

Tabni kilaboota lamaanii jijjiirraan dirree irratti taasifamuun ni yaadatama.

Dilbatammoo Daddabiit Walwaaloo Addigiraat waliin istaadiyamii Finfinneetti sa’aa 10tti walarga.

Naannorratti Jimmaa Abbaa Jifaar Raayyaa Ittisaa waliin, Walaayittaa Diichaan Arbaa Minc waliin, Adaaman Buna Ityoophiyaa waliin, Hawaasan Iityoo Elektiriika waliin sa’aa walfakkaataa 9 irratti kan walargan ta’a.

Dirree Dawaa fi Buna Sidaamaa ammoo sa’aa 9:30 irratti walarganii taba isaanii kan gaggeeffatan ta’a.