Ityoophiyaan dorgommii Chaan keessummeessuuf asxaa fudhatte

Finfinnee, Amajjii 28,2010(FBC)-Ityoophiyaan dorgommii Chaan bara Faranjootaa 2020 taasifamu keessummeessuuf kaleessa asxaa dorgommichaa fudhatte.

Dorgommiin shaampiyoonaa kubbaa miillaa Afrikaa tabattoonni biyya keessaa qofti irratti hirmaatan/Chaan kan bara 2018 Moorookoon keessummeessite, kaleessa injifattummaa biyya qopheessiteen xumurameera.

Dorgommicha Moorookon Naayjeeriyaa 4f 0dhaan injifatteetti.

Ityoophiyaanis dorgommii itti aanu qopheessuuf asxaa shaampiyoonichaa fudhatteetti.

Sirnicharratti preezdaantiin Federeeshinii Kubbaa Miillaa Ityoophiyaa obbo Juunaddii Baashaan asxicha Ityoophiyaaf fuudhaniiru.