Bunni Ityoophiyaa tabattoota 3 gadhiise

Finfinnee, Gurraandhala 1,2010(FBC)-Bunni Ityoophiyaa liigii baranaatin tabattoota 10 mallatteessisus, bifa yaadameen tajaajila laachaa hin jiran.

Abdusalaam Nuuruu, Barakat Yisaaqii fi Maannaayyee Faantuu waliigalteen kilabicha kan gadhiisan yammuu ta’u, shaakalliis dhaabaniiru.

Abdusalaam Walwaaloo Addigiraat gara priimiyar liigii akka galu carraaqqii cimaa taasisus, gara Buna Ityoophiyaa dhufee bifa salphaan itti baruu hin dandeenye.

Barakat Yisaaq Dirree Dawaarraa fi Maannaayyee Faantuu Iityoo Elektiriikarraa torbee jalqabaa liigichaatti dabareen hiriiranii tabachuuf carraa argatanis Barakat galchii takka lakkoofsisuun ala, sochii kilabicha amansiisuu danda’u argarsiisuu hin dandeenye.

Sarara jifataarratti alaa lammii Yuugaandaa Boobaan Ziiruuntuusaa fi lammii Seenegaal Baaptiistee Faayeen mallatteessisuun tabattoonni lamaan akka kilabicha gadi lakkisaniif akka sababiitti ka’a.

Maddi; www.soccerethiopia.net