Ityoophiyaan dorgommii biskileetii Afrikaarratti ni hirmaatti

Finfinnee, Gurraandhala 1,2010(FBC)-Dorgommii biskileetii Afrikaa 16ffaa Gurraandhala 6 amma 11,2010tti Kiigaaliitti gaggeeffamurratti Ityoophiyaan ni hirmaatti.

Itti gaafatamaan Waajjira Federeeshinii Biskileetii Ityoophiyaa obbo Gizaachaw Makoonnan akka TOItti himanitti, dorgommicharratti ispoorteessitoota biskileetii 14tu Ityoophiyaa bakka bu’ee hirmaata.

Dorgommii Ruwaandaa Kiigaalii kanarratti hirmaachuuf jilli Ityoophiyaa 18 Wiixata garas imala.

Dorgomtoonni kanneen Gunaa, Masooboo, Masfin Indastiriyaalii fi kilaboota Traansirraa kan walitti babba’ani.

Ityoophiyaan dorgommii 17ffaa; bara 2011 qopheessuuf Gamtaa Biskileetii Afrikaaf gaaffii dhiyeessiteetti.

Ityoophiyaan dorgomii Ebila 2010; Tuur Senegaalirratti qophaa’urratti hirmaachuuf karoora qabatteetti.