Ganzabeen dorgommii mana keessaa Speen injifatte

Finfinnee, Gurraandhala 2,2010(FBC)-Atleet Ganzabee Dibaabaa dorgomii fiigicha mana keessaa Speen Maadriiditti qophaa’e injifatte.

Atleet Ganzabeen dorgommii meetira 1500 kana daqiiqaa 4, sakandii 02 fi maaykiroo sakandii 43n galuun tokkoffaa baatet injifatte.

Federeeshiniin Waldaa Atleetiksii Idil Addunyaa dorgommiiwwan barana qopheessu 6 keessaa kan kaleessa Speenitti gaggeeffame isa sadaffaadha.

Dorgommiin jalqabaa Amajjii 26,2010 Jarman magaalaa Kaarlisiruuhitti kan gaggeeffame yammuu ta’u, lammaffaanis Jarman magaalaa Duusiildoorfitti dheengadda gaggeeffameera.

Dorgommii kaleessaa kanarratti Ganzabeetti aanuun lammiin Jarman Koonistaanzee Koolistaar 2ffaa, atleetin Briiteen Eeliish Maakloogaan 3ffaa, lammiin Moorookoo Raabeeb Araafiin 4ffaa, atleetin Ityoophiyaa Aksuumaawiit Ambaayeen ammoo 5ffaa baatetti.

Ganzabeen magaalaa Kaarlisiruuhitti meetira 1500n daqiiqaa 3, sakandii 57 fi maayikiroo sakandii 45n injifachuun ishii ni yaadatama.

Atleet Ganzabeen maayila 1 fi 2n, meetira 1500, meetira kuma 3 fi 5n dorgommii mana keessaan riikardii qabdi.

Dorgommiiwwan itti aanan guyyoottan 18n dhufan keessatti Ameerikaa Boostan, Poolaand Tooruunii fi Iskootlaand Gilaaskoowitti kan gaggeeffaman ta’a.