Ronaaldinihoo Guchoo turtii Finfinnee keessaa xumure

Finfinnee, Ebila 7, 2010 (FBC) Taphataan urjii Biraazil Ronaaldinihoo goochoo turtii Finfinnee keessatti qabaate xumureera.

Karaa Haayinikan guyyoota lamaaf Finfinnee kan seene Ronaaldinihoon Isteediyamii Finfinneetti argamuun daawwattoota waliin erga wal-argee booda garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa waggaa 20 gadii Itiyoophiyaa waliin daqiiqaawwan muraasa waliin taphateera.

Huffata taphaa gurraacha guutuu huffatee dirree kan seene Ronaaldinihoon daqiiqaawwan muraasa achi turetti ogummaa isaa jaallattoota isaa dinqisiise agarsiiseera.

Waancaa Addunyaa kan injifate Ronaaldinihoon turtii Finfinnee keessatti qabaate xumuree bor akka deebi’u barameera.

Ronaaldinihoon Waancaa Chaampiyans Liigii Awurooppaa qabachuun kaleessa hoteela Hiiltanitti gaazexeessitootaaf ibsa kenneera.

Injifataan Balan Di Or gaaffilee hedduu gaazexeessitoota irraa isaanii ka’eef deebii kan kenne yoo ta’u, gara Itiyoophiyaa dhufuunsaa kun jalqaba ta’uu eerera; waa’ee biyyaattiis caalaa beekuu akka barbaadu himeera.

Sa’aatii boodas Ministirri Dhimma Alaa Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa Doktar Warqinaa Gabayyoo taphataa Biraaziil kana waajjira isaaniitti simatanii waliin mari’ataniiru.

Maqaa Itiyoophiyaa atleetota ishee guguddoon akka beeku hime Ronaaldinihoon, Ministira Dhimma Alaa harkaa kennaa huffata aadaa fudhateera.