Buzee Dirribaa fi Hagoos G/hiyoot Fiigicha daandirraa kiloomeetira 5 Boostan injifatan

Finfinnee Ebila 8,2010 (FBC) Atileetootni Ityoophiyaa Buzee Dirribaa fi Hagoos G/hiyoota dorgommii BAA kiloomeetira 5 Boostanitti gaggeeffame olaantummaan xummuran.

Garee dhiirotaatiin Hagoos G/hiyoot xummuruuf daqiiqaa 13 fi sakondii 42 itti fudhate.

Fageenyicha yeroo 4 injifachuun kan beekkamu Been Tiruun 2ffaan xummuree jira.

Ramaddii dubartootan atileetootni Ityoophiyaa Buzee Dirribaa daqiiqaa 15 fi sakondii 22 galuun yoo injifattu, Fotiyaan Tasfaayee 2ffaa, Moonikaa Ingigee Keeniyaadha 3ffaa baatee jirti.

Injifattootni dorgommichaa Doolaara 7500 badhaafamanii jiru.

Madda:Bostan Herald