Zalaalam Shifarraa leenjisaa Magaala Waldiyaa ta’anii filataman

Finfinnee, Caamsaa 7,2010 (FBC) – Leenjisaa Zalaalam Shifarraa leenjisaa kilaba kubbaa miilaa magaala Waldiyaa ta’anii filataman.

Leenjisichi guyyaa har’aatii eegalee garicha kan leenjisu ta’uu ragaan kilabii Waldiyaati argame ni mul’isa.

Zalaalam Shifarraa kilaboota akka magaala Hawaasaa,Adaamaa, Buna Sidaamaa fi Dirre Daawaa leenjisaa turee jira.

Leenjisichi gara Waldiyaa imaluun garicha kan kakaasu ta’uu himameera.

Gareen kubbaa miilaa Waldiyaa torbee darbe Yaa’iqob Abraaham itti aanaa leenjisaa godhee muudun ni yaadatama.

Kilabichi leenjisaa Zamaariyaam Waldagiyoorgisiin duurfamaa turus, leenjisichi waggaa tokkoof waan adabameef bakka isaanii itti aanaa garichaa Hayimaanot Girmaan durfamaa turee jira.