Shaampiyoonaan Atileetiksii dargaggoota Ityoophiyaa 6ffaan Asallaatti eegale

Finfinnee, Caamsaa 15,2010(FBC) – Shaampiyoonaan Atileetiksii dargaggoota Ityoophiyaa 6ffaan har’a Istaadiyeemii magariisa Asallaatti eegale.

Kaayyoon shaampiyoonaa kanaa atileetoota dargaggoo naannolee, bulchiinsa magaalotaa fi kilaboota keessatti argamaniif caarraa dorgommii uumun atileetoota bakka bu’oota horachuuf jedhameera.

Dabalataanis shaamiyoonaa Atileetiksii dargaggoota Addunyaa Fiinlaand Teempereetti Adoolessa 3-8, 2010tti gaggeeffamuuf atileetoota Ityoophiyaa baka bu’anii hirmaatan filachuuf akka ta’e federeeshiniin ibseera.
Shaampiyoonicha irratti atileetootni naannolee, Bulchiinsa magaala, kilabii, giddu gala leenjii Xirunasha Dibaabaa fi akkaadaamii ispoortii dargaggoota Ityoophiyaa irra bahan kan hirmaatan ta’uu ibsameera.
Dorgommichi fiigicha gabaabaa,giddu galeessa fi dheeraa akkasumas tarkaanfin kan gaggeeffamu yoo ta’u, walumaa galatti saala lamaaninuu dorgommiiwwan 40 ta’an ni gaggeeffamu.

Dorgommii kanaan xummura kan argate fiigichi meetira kuma 10 dhirootaan Barihu Aragaawii kilabii ispoortii konistiraakshinii suur irraa 1ffaa yoo bahu, Oliiqaa Adunyaa naannoo Oromiyaa irraa 2ffaa, Tsaggayee Kidaanuu Masfin Indistiraal Injinaaringi irraa 3ffaa bahuun meedaaliyaa argatanii jiru.

Akkasumas utaalcha lafarraan Ajudaa Umaduu makkalaakayaa irraa meetira 12.08 1ffaa, Sanbatee Roobii meetira 11.86 Oromiyaadha 2ffaa fi Kuulin Dirribaa meetira 11.56 Oromiyaa irraa 3ffaa bahanii jiru.