Pirimiyar Liigii Torbee 23ffaan itti fufee gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2010 (FBC) Pirimiyar Liigii Ityoophiyaa torbee 23ffaan Qiddus Giyoorgis yoo injifatu, Jimmaa Abbaa Jifaar dirree isaa irratti qabxii gate.

Tapha har’a gaggeeffameen Qiddus Giyoorgis walwaaloo Addigiraat 1 fi 0 ,Maqaleen Adaamaa 2 fi 0, Hawaasan magaala Faasil 2 fi 0, Dirre Daawan Makkalaakayaa 1 fi 0, Bunni Ityoophiyaa Waldiyaa 3 fi 0 injifataniiru.

Duursan liigichaa Jimmaa Abbaa Jifaar Arbaaminci waliin 0 fi 0 akkasumasWalaayittaa dichaa fi Bunni Sidaamaa 2 fi 2 xummuranii jiru.

Pirimiyar Liigicha, Jimmaa Abbaa Jifaar fi Qiddus Giyoorgis qabxii 40 wal duraa duuban 1ffaa fi 2ffaa yoo qabatan Magaalli Maqalee qabxii 39 sadarkaa 3ffaa qabatee jira.