Shaampiyoonaan kilaboota atleetiksii Oromiyaa guyyaa 3ffaaf Istaadiyeemii Wallaggatti itti fufeera

Finfinnee, Waxabajjii 4,2010(FBC) -Wal dorgommiin shaampiyoonaa kilaboota atleetiksii Oromiyaa guyyaa 3ffaaf Istaadiyeemii Wallaggatti gaggeeffamaa jira.

Wal dorgommiin shaampionaa kilaboota atleetiksii Oromiyaa kunis gosoota Atleetiksii adda addaan gaggeeffamaa jira.

Hanga har’aattis dorgommiin gosoota atleetiksii adda addaa 14 xumuramuu Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Magaalaa Naqamtee ibseera.

Wal dorgommiin shaampionaa kilaboota Atleetiksii Oromiyaa guyyaa 3ffaaf Istaadiyamii Wallaggatti itti fufee jiru kunis ol aantummaa kilabii bulchiinsa magaalaa Adamaan durfamaa jira.

Wal dorgommiin shaampionaa kilaboota atleetiksii Oromiyaa kunis hanaga Waxabajji 7/2010tti tura.