Leenjisaan garee biyyoolessaa Speen itti gaafatamarraa kaafaman

Finfinnee, Waxabajjii 6,2010(FBC)- Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Speen leenjisaa Yuulaan Looppeeteeguuyin itti gaafatamarraa kaasuu beeksise.

Preezdaantiin federeeshinichaa Luwiis Ruubiyaalees; leenjisaa Looppeeteeguuy federeeshinicha osoo hin mariisisin Riraad Maadriin leenjisuuf waliigaluu isaanitiin itti gaafatama isaanitirraa kaafamuu ibsaniiru.

Leenjisichi itti gaafatama garee biyyoolessaa osoo qabanuu, kana gochuun isaanirra hin turre jedhameera.

Gareen biyyoolessaa Speen hirmaannaa waancaa addunyaarratti qabuuf, tuutni leenjistootaa ga'umsaan itti gaafatama isaanii ni ba'atus jedhameera.

Leenjisichi waggoota sadiif Riyaad Maadriid leenjisuuf kaleessa waliigalaniiru.

Murteen federeeshinichaa gareen biyyoolessaa Speen hirmaannaa waancaa addunyaarratti qaburratti dhiibbaa akka hin uumne sodaatameera.

Maddi; BBC