Kaanaadaa, Ameerikaa fi Meeksikon waancaa addunyaa 2026 qopheessuf filataman

Finfinnee, Waxabajjii 6,2010(FBC) - Waancaa addunyaa bara Faranjootaa 2026 qindoominaan qopheessuuf gaaffii dhiyeessanii kan turan Kaanaadaa, Meeksiikoo fi Ameerikaan Moorookoo caaluun filataman.

Biyyoonni sadan sagalee caalmaa 134 yoo argatanii filataman, Moorookon ammoo sagalee 65 argatteetti.
Dorgommii waancaa addunyaa kanarratti biyyoonni 48 yeroo jalqabaatif kan hirmaatan yammuu ta'u, taboonni 80 ammoo kan gaggeeffaman ta'a.

Moorookon waancaa addunyaa qopheessuuf si'a 4 gaafattus carraasaa hin arganne.

Maddi; BBC