Shaampiyoonaan atileetiksii dargaggoota addunyaa waggaa 20 gadii Fiinlaanditti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 03,2010(FBC)-Waggaa lamaan kan gaggeeffamu Shaampiyoonaan atileetiksii dargaggoota addunyaa waggaa 20 gadii Fiinlaand istaadiyeemii Teempiritti gaggeeffamaa jira.

Shaampiyoonicha irratti Ityoophiyaa dabalatee biyyoota 114 irraa ispoorteessitootni 1400 kan hirmaatan guyyoota 6'f falmii ni taasisu.

Dorgommii gulaallii har’a gaggeeffamee meetira 800tin Dirribee Waltajjii fi Firiyoot Hayiluu daorgommii itti aanuf darbanii jiru.

Gulaallii meetira 1500niin Saamu’eel Tafarraa ramaddii itti aanutti darbee jira.