Waancaa addunyaan Faraansaay xumuraaf geeche

Finfinnee, Adoolessa 04,2010(FBC)- Waancaa addunyaa Raashiyaa 21ffaan Faraansaay Beeljiyeem injifachuun xumuraaf qaqqabde.

Biyyootni Awurooppaa ollaa lamaan kaleessa galagala morkii xumuraaf darbuuf taasisaniin Faraansaay 1 fi 0 injifachuun xumuraaf geechee jirti.

Har’as taphni walakkaa xumuraa Biriiteen fi Kirooshiyaa giddutti galgala sa’aatii 3 irratti kan gaggeeffamuu ta’a.

Graeen har’a injifate Dilbata waancaa kaasuuf Faraansaay waliin morkatan yoo ta’u, kan injifatame ammoo sadarkaa 3ffaaf Sanbata Beeljiyeem waliin morkata.