Waancaa addunyaan Kirooshiyaan xumuraaf geeche

Finfinnee, Adoolessa 05,2010(FBC)- Waancaa addunyaa Raashiyaa 21ffaan Kirooshiyaan injifachuun xumuraaf qaqqabde.

Kaleessa galagala morkii xumuraaf darbuuf taasisaniin Kirooshiyaan 2 fi 1 Biriiteen injifachuun xumuraaf geechee jirti.

Dilbata waancaa kaasuuf Faraansaay fi Kirooshiyaan waliin kan morkatan yoo ta’u, Beeljiyeem fi Biriiteen sadarkaa sadaffaa qabachuuf Sanbata waliin taphatu.