Hanni qormaata biyyaalessaa gantummaa fi egeree dhalootaarratti yakka aggaameme - mootummaan naannoo Oromiyaa

Finfinnee, Caamsaa 23,2008(FBC) -Gochaan hanna qormaata biyyaalessaa raawwatame gantummaa biyyaa fi egeree dhaloota borii irratti yakka aggaameme jedhe mootummaan naannoo Oromiyaa.

Yaada ibsa mootummaa naannichaa akka armaan gadiitti guutummaan isinii dhiyeessineerra.

Seenaa biyya keenyaa keessatti duubatti hafummaafi wallaalummaan godaannisni ummata keenyarratti gatanii darban qabsoo har’a deegaa maqsuu dabalatee gageessaa jiruu daran dhimmoota ulfaataa taasisan akka ta’e ummatni naannoofi biyya keenyaa haalan hubatu. Mootummaan sirna federaalawaa dimokraatawaafi misoomawaa yaa ta’uu ummataafi heeraan ijaarame fedhiifi faayidaa ummattoonni biyya keenyaa sirna dimokraasii keessatti argachuu barbaadan kan ittiin ibsataniifi mirkaneeffatanis godaannisa kana hundeerraa dhabamsiisuuf akka ta’e beekamaadha. Waggoottan 25’n dabran keessa mootummaan naannoo oromiyaas ta’e biyya keenyaa jijiiramni bu’uraa dame barnootaarratti fiduudhaaf tattaafiin taasisaniifi bu’aa ba’iin keessa dabarsan hangam takka wareegama akka gaafate ragaan ummata naannoo keenyaati.

Oggansi damee barnootaa kennamaa ture bu’uraalee misoomaa damichaa babal’isuu fi, carraa barnootaa ilmaan oromoo jaarraa hedduudhaaf dhabanii duubatti hafummaafi hiyyummaaf itti saaxilaman keessaa baasuuudhaan injifannoo dacha gonfachiisuu danda’eera. Har’a ijoollen oromoo miiliyoona saddeetii ol ta’an waggaatti carraa barumsaa akka argatan biyyaa itti taasifamaa jiru, Barattoonni kuma dhibboota hedduutti lakkaa’aman carraa barnoota olaanaa argachuu akka danda’an biyya itti taasifame, koolleejjotaafi yunivarstiiwwan 45 olitti lakkaa’aman naannoo oromoiyaa keessatti qofaa akka ijaaramanitti taasifamedha. Bu’aan kun seenaa kaleessaa geeddaruudhaan biyyaafi dhaloota haarawaa addunyaa fuulduratti mataa olqabatee tarkaanfatu uumudhaaf kutannoo mootummaan qabun kan dhufedha.

Humnootni badiifi gantummaa biyyaa raawwataa jiran guddinaa, misoomaafi ijaarsa sirna dimokraasii keenya gufachiisudhaaf gochaawwan badii garaagaraa keessumaa ummata oromoo irratti aggaamaa turan ummatni naannoofi biyya keenyaa onnee guutudhaan fuuldura dhaabachaa, dogoggora uumame sirreessaafi toora sirrii qabachiisaa akka har’a gahan beekamaadha. Keessumaa naanoo oromiyaafi kallattiidhaan ummata oromoorratti aggaamiwwan raawwataman cunqursaa dacha kaleessaafi gabrummaa sirnoota gita bittaa nafxanyaatiin gageeffamaa ture duubaan deebisuudhaaf kan karoorfataman akka ta’eefi ummanni naannoo keenyaas akkuma kaleesaa qabsoo wareegama hadhaawaa gaafateen injifachaa as gaheera.

Bara kanas rakkoolee bulchiisa gaariifi gaaffii misoomaan walqabatan ummatni naannoo keenyaa mootummaa isattiif dhiyeesaa ture jalissuufi daran fiixee hin malletti baasudhaan humnootni badii kun dirree barnootaa jeeqaa bahaniiru. Jeequmsa kanas faayidaan dhumaa isaa diigicha biyyaa akka ta’e hubachuudhaan ummatni oromoo daangaa hanga daangaatti fuuldura dhaabachuun tasgabbeeseera. Mootummaa ofiisa ijaare gaafatamaa gochuu akka danda’uufi deebii dimokraatwaa argachuu akka danda’us irraa barateera. Dogoggora deemsa keessa akka ummataattis ta’e qaama hawaasaatti uumerraas akkasuma barumsa fudhatee darbeera.

Mootummaan nannoo oromiyaa gaafii barataan, qonnaan bulaan, jiraataan magaalaafi qaamoleen hawaasaa hundi rakkoo bulchiisa gaariifi misoomaarratti qaban kabaajaafi ulfina guddaan fudhatee sirreessudhaaf ummata hirmaachisuuf waadaa galeera. Waadaa isaas hojii qabatamaan agarsiisaa jira. Dirreen barnootaa akka nagaafi tasgabbii horatu humna guutuun hojjechaas jira.

Haalli kun kanaumaan osoo jiruu qormaata biyyaalessaa karaa naga qabeesaafi tasgabbaahadhaan keennuudhaan barataa oromoo carraa dorgomummaa walqixaa naannolee biraa waliin qabu akka hin dhabne ofeeggannoo cimaadhaan hojjetamaa wayita jitutti humnootni badii diigicha dhaloota oromoof kaleessa kaayyeffatan kunoo guyyaa har’aa sadarkaa biyyaalessatti olguddisuudhaan gochaa hanna qormaataa kutaa 12ffaa olaantummaadhaan gageesudhan, biiftuun dhaloota abdii boruu wayita dukkanooftu gammachuudhaan dhiichisuudhaaf carraa godhatanii dhaadachuurratti argamu.

Gochaan kun dhalootaafi biyya diiguudha. Egeree biyyaalessaa ummata oromoo fuuldura dhaabachuudhaan jireenya ofii dafqa ilmaan oromootiin ijaarrachuudhaaf gochaa raawwatame akka ta’e ummatni naannoo keenyaa nihubata. Mootummaan naannoo keenyaa qormaata ummata oromoo qunnamaa ture hundaa biilchinaaf gahumsa cimaadhaan keessa darbaa akkuma ture gonkuma egeree biyyaa dukkaneesudhaaf warra kufanii ka’an kanneeniif carraa akka hin kennine mirkaneesuu barbaada.

Ummatni naanoo keenyaas doofummaa, wallaalummaafi duubatti hafummaa dhalootarratti fe’uudhaaf sosochii godhamu kana hadheeffatee sadarkaa hundatti balaaleffachuu qaba. Barataan oromoo carraa isaa dukkaneessudhaf warra fiiganii gufuu jala danqaran kanneen hadheeffatee balaaleffachuun irraa eegama.

Mootummaan badii raawwatame kana tasuma akka hin dabalamneef hojjechuu cinaatti ooggnasa misoomawaa kennuun yeroo gabaabaa keessatti qormaata qopheessudhaan barataan oromoofi biyyaalessaa egereen isaa akka hingufanne halkanii guyyaa akka hojjetu mirkaneesuu barbaada. Humnoota badii gochaa qaanesaa kana raawwatanis araarama tokko malee qoratee yakka gantummaa biyyaatiin seeratti dhiyeessudhaaf kutannoo qabu ibsa.

Caasaan barnootaa, maatiin barattootaafi barataan naannoo keenyaa gochaan raawwatame kun egeree naannoo keenyaa badhaadhinarraa duubatti deebisuu kan kaayyeffate ta’uusaa hubachuudhaan sirreeffama mootummaan fudhatu onnee guutudhan deeggaruun irraa eegama. Ummatni naannoo keenyaas akkuma kaleessa gochaa ture barnootni isaaf lubbuu misoomaa ta’uusa hubachuudhaan gochaa humnootni badii dirree kana keessatti raawwataa jiran gonkuma imala haaromsa keenya gufachiisuu akka hindandeenyeefi gochaa isaanitiin qaanii akka uffatan itti agarsiisudhaf irree tokkoon qabsaa’uun irraa eegama.


BDHKMNO
Caamsaa 2008
Finfinnee