Ijiptiin qaala’iinsi gatii sadarkaa olaanaa ishee mudataa akka jiru himame

Finfinnee, Amajjii 03, 2009 (FBC) Ji’a Muddee Faranjootaatti qaala’iinsi gatii waggaa Ijipt 24.3 ta’ee galmaa’eera.

Kaayiroon tarkaanfiiwwan liqii Doolaara biliyoona 12 Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) argachuuf fudhatte qaala’iinsicha ittumaa akka hammeessedha kan himame.

Mootummaan Ijipt liqii kanaaf jecha sharafa alaa irratti tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuunsaa beekamaadha.

Qaala’iiinsi gatii oomishaalee nyaataa addatti wayita ilaalamu dhibbantaa 29.3 irra ga’eera jedhameera.

“IMF” liqii Doolaara biliyoona 12 kana Ijiptii ji’a sadaasaa irratti raggaasuunsaa kan yaadatamudha.

Madda: Ajaans Firaans Pirees