Pireezdaantiin Chaayinaa Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 10, 2009 (FBC) Pireezdaantiin Chaayinaa Shi Jiinpiing Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Reeks Tiilarsan waliin Beejiingitti mari’ataniiru.

Pireezdaantichaa fi Ministirri Dhimma Alaa kun marii geggeessaniin hariiroo biyyoota lamaanii guddisuuf kutatoo ta’uusaanii ibsaniiru.

Dureewwan Chaayinaa waliin kallattiin wal-arganii mari’achuuf jalqaba isaanii kan ta’e Teelarsan yaaddoo Sagantaa Niwikilaraa Kooriyaa Kaabaa qabbaneessuuf Chaayinaa waliin akka hojjatan kan mirkaneessan yoo ta’u, dubbiin naannichaa sadarkaa sodaachisa jedhamurra ga’uusaa eeraniiru.

Mariin qondaaltota lamaanii kun daqiiqaa torbaaf qofa kan ture akka turedha kan himame.

Ministirri Dhimma Alaa kun kana malees guyyaa kaleessaa Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yi waliin yaalii misaa’elaa Kooriyaa Kaabaa irratti mari’ataniiru.

Daawwannaa isaanii Eezhiyaa Jaappaanii kan jalqaban Teelarsan daawwannaa Kooriyaa Kibbaatti taasisan xumuraniiti kaleessa Beejiing kan seenan.

Waashingtan Chaayinaan Piyoongyaang Sagantaa Niwikilaraa fi Misaa’elaa ishee akka dhaabdu qoqqobbiiwwan gara-garaa irra akka keessu deddeebi’uun dhiibbaa gochaa turteetti.

Haata’u malee Beejing Ameerikaan raadaara ittisa misaa’elaa Kooriyaa Kibbaatti dhaabuunshee ishee dheekkamsiseera.

Chaayinaan raadaarri Ameerikaa kun nageenya koof yaaddoodha jechuun qeeqxi.

Kun osoo akkanaan jiruu, Kooriyaa Kaabaa guyyaa kaleessaa rookkeettii lafarra furguggifamu yaaluushee beeksifteetti.

Madda: Aljaziiraa