Kiim Joong-uun nama isa gorsu barbaada –Traamp

Finfinnee, Bitootessa 11,2009(FBC) –Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-uun amala badaa jira jedhan.

Piyoongiyaang yaalii rookkeettii milkaa’aa gaggeessuushee beeksistee sa’aa tokkoon booda preezdaantiin Ameerikaa dhimmicha balaaleffataniiru. Namichi amala badaa jira; firri isa gorsu isa barbaachisas jedhan.

Preezdaantichi dhimma Kooriyaa Kaabaa qofarratti bulchiinsi isaanii marii akka gaggeessanis eeraniiru.

Hogganaan Kooriyaa kaabaa wiirtuu furgugsa saatalaayitii Sohaatti argamuun yaaliin ammaa milkaa’aa akka ture himanii, injifannoon har’aas addunyaatti ajaa’iaba ta’a jedhan.

Waan nuti barbaannus addunyaan akka afaan nurraa qabattu jechuu isaanii Aljaziiraan televiizhinii biyyattii KCNA waabeffachuun gabaasera.