Sudaan Kibbaatti xiyyaarri imaltootaa caccabe

Finfinnee, Bitootessa 11,2009(FBC) –Xiyyaarri imaltootaa Buufata Xiyyaara Sudaan Kibbaa Waa’uutti caccabuun dhaga’ame.

Xiyyaarichi imaltoota 44 kan fe’e yammuu ta’u, balichaanis hedduun isaanii du’uu hin oolle jedhame.

Ministirri Infoormeeshinii Sudaan Kibbaa Boonaa Gaawdeensiyoo akka jedhanitti, amma ammaatti imaltoonni 14 gara hoospitaalaa geeffamaniiru.

Raadiyoon Juubaatti argamu; kan Aay jedhamu akka gabaasettimmoo namoonni 9 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Hojjetaan balaa tasaa tokkommoo Rooytarsitti yaada laaten akka himetti, amma ammaatti namni lubbuusaa dhabe hin jiru.

Xiyyaarichi Juubadhaa ka’ee buufata xiyyaaraa Waa’uu yammuu qubatu kan caccabe.

Abbootiin taayitaa biyyattiis balicharratti ibsi laatan eegamaa jira.

 Maddi; CGTN