Preezdaant Al Siisiin biyyi isaanii dhimma keessoo Ityoophiyaa keessa akka hin galle ibsan

Finfinnee, Ebila 11,2009(FBC) – Preezdaantiin Gibtsi Abdul Fattaah Al Siisiin biyyi isaanii dhimma keessoo Ityoophiyaa keessa gonkumaa akka hin galle ibsan.

Preezdaantichi ministira Ministeera Dhimma Alaa Ityoophiyaa Dooktar Warqinah waliin kan mari’atan yammuu ta’u, erga takkaas ibsa gaazexeessummaa laataniiru.

Ummanni biyyoota lameenii seenaa fi laga Abbayyaarrattis hidhata baroota dheeraa akka qaban kan eeran Dooktar Warqinah, Ityoophiyaan lagicharratti yammuu ofii fayyadamuuf hojjettutti biyya kamuu miidhuuf hin sochootu jedhan.

Faayidaa biyyoota lameenii daran mirkaneessuufis waliin hojjechuun baay’ee murteessaa akka ta’e himaniiru.

Dooktar Warqinah preezdaantii fi ministira Ministeera Dhimma Alaa biyyattii waliin mari’achuu isaaniis yaadachiisaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Gibtsi Saameeh Shukriin gama isaanitiin, gita isaanii Ityoophiyaa waliin ifaa fi bilisaan mari’achuu isaanii himaniiru.

Qondaaltonni biyyoota lameenii ji’oota lama lamaan wal ga’anii kan mari’atan akka ta’ee fi hariiroo biyyoota lameeniis fooyyessuuf kan hojjetan akka ta’e himaniiru.

Dhiyeenyas Kaayrootti walga’iin koree waliinii preezdaant Al Siisii fi Muummeen Ministiraa Haaylamaariyaam irratti hirmaatan akka qophaa’u ibsaniiru.

Maddi; Alhaaraam Oonlaayin