Ameerikaan Iiraan tuttuqqaa natti baay’isaa jirti jette

Finfinnee, Ebila 12,2009(FBC) –Iraan faayidaa Ameerikaan baha jiddugaleessaatii qabdu miidhuu fi xiqqeessuuf hojjechaa akka jirtu Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Reeks Tiilarsan dubbatan.

Iraan akkuma Kooriyaa Kaabaa faayidaa Ameerikaa miidhuuf biyya raftee hin bulles jedhan.

Preezdaant Doonaald Traamp kanaan dura sagantaan nuukleera Iiraan akka sirriitti ilaallamu ajajaniit turan.

Haata’uutii Teehraan garuu waliigaltee bara Faranjootaa 2015 galame hojiirra oolchaan jiraan iyyachaa turte.

Tiilarsan biyyattii ilaalchisuun kana haa jedhan malee Teehraan garuu amma ammaatti yaada hin laanne.

Biyyoonni dhihaa Iiraan nuukleera gabbisaa jirtiin ishee himatanis, isheen garuu dubbiin isaanii dharaan balaaleffachaa turteetti.