Dhaabbati Mootummoota Gamtoomanii Koongootti awwala ‘jimlaa’ 17 arguusaa ibse

Finfinnee, Ebila 12, 2009 (FBC) Dhaabbati Mootummoota Gamtoomanii Rippablika Dimookraatawaa Koongootti awwaala ‘jimlaa’ 17 arguusaa ibse.

Awwalawwan kannneen qotiisaan kan argan loltoota Koongoo milishaawwan Kaamuyinaa waliin waraanatti turan ta’uu qorattoonni Dhabbata Mootummootaa mirkaneessaniiru.

Akka gabaasichaatti yoo ta’e awwala kanneen keessatti yoo xinnaate reeffi namoota 74 argameera.

Reeffi isaanii awwaala kanneen keesssatti kan argame keessaa 30i daa’immanidha jedhameera.

Ji’a darbe loltoonni halleellaa naannoo Kaanaangaatti qaqqabsiisaniin yoo xinnaate namoota 40 ajjeesuusaaniiti Dhaabbati Mootummoota Gamtoomanii kan ibse.

Dhaabbati Mootummootaa torbanoota muraasaan boodas awwaalota 23 argachuusaa beeksisee ture.

Mootummaan Rippablika Dimookraatawaa Koongoo waa’ee awwallawwan amma aragmii yaada hin-kennin malee walitti-bu’iinsa milishaawwan kanneen waliin qabu tureen humna hamma barbaachisuun ol fayyadameera jedhamuusaa mormeera.

Ji’oota sagaliin duraa jalqabees Koongootti mootummaan Jooseef Kaabiilaa fi milishaawwan kaamuyinaa gidduutti walitti-bu’iinsa uumameen lubbuun namoota 400 olii darbeera.

Madda: Rooyitars