Dhaabbanni Mootummoota Gamtooman human dabalataa gara Maalii erguufi

Finfinnee, Caamsaa 10,2009(FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtooman human nagaa eegsisaa dabalataa gara Maalii erguuf akka ta’e ibsame.

Barreessaa olaanaan ergama nagaa eegsisaa dhaabbatichaa Zhiyaan Piyar Laaykirooyisk daawwii biyyoota dhiha Afrikaan booda ibsa laataniin, humni nagaa eegsisaa Maalii deeggarsa dabalataa barbaada jedhan.

Ji’a Faranjootaa doolessa 2013 kaasee humni nagaa eegsisaa dhaabbatichaa waraana waliin waliinii irra deddeebiin uumamuun, ergama cimaa fudhateera jedhan.

Amma ammaattis nagaa eegsistoonni 70 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Amma humna nagaa eegsisummaan biyyattiitti kan bobba’us kan Senegaali jedhan.

Biyyattiitti human nagaa eegsisaa kuma 12 oltu bobba’eera.

 

Maddi; BBC