Pireezdaant Maakroon Maalii ga’aniiru

Finfinnee, caamsaa 11, 2009 (FBC) Pireezdaatiin Firaans haaraa Imaanui’eel Maakroon Maalii seenaniiru.

Pireezdaant Maakroon Kutaa Kaaba Maalii Bufata Ajaja Humna qilleensaa Firaans qubachuunsaanii kan ibsame yoo ta’u, achumaan loltoota biyyatti nidaawwatu jedhameera.

Maakroon turtii Maalii keessatti qabaatan gabaabaatti Pireezdaant Ibraahim Bubakaar Keeyitaa waliin akka mari’atan ibsameera.

Loltoonni Firaans kutaa kaabaa gita bittaa Firaans duraanii kanatti erga 2013 hidhattoota waraanaa jiru.

Ministira Ittisaa Siilviyaa Gulaard fi Ministira Dhimma Alaa Jeen Vees La Diriyaan waliin gara Maalii kan dhufan Pireezdaant Maakroon, bu’aa loltoonni kuma 4 Firaans naannichatti bobbaaste galmeessisan irratti akka mari’atan eegama.

Pireezdaantichi imaammati waraanaa Afriikaa Lixaatti geggeessan akka pireezdaantota isaan dura turanii akka ta’u eegama.

Hogganaa Ejansii Misoomaa Firaans Reemii Riyoohaas Maakroon waliin gara Maaliitti qajeeluunsaanii garuu pireezdaantichi tumsa dinagdee guddisuu akka barbaadan mul’isa jedhameera.

Firaans Afriikaa waliin boqonnaa hariiroo haaraa akka bantu nan hojjadha jechuun waadaa kan seenan Imaanu’eel Maakroon, wayita duula na filadhaa isaanii Firaans Aljeeriyaa bituuf waraanni keessa galte yakka mirga namoomaa irratti ka’edha jechuunsaanii kan yaadatamudha.

Daawwannaa Maakroon Maaliitti taasisaa jiran pireezdaantii Firaans ta’anii erga muudamanii as imala alaa taasisan lamaffaadha.

Pireezdaantichi guuyyaa itti waadaa seenan guyyaa tokko booda gara Jarmanii qajeelanii duree mootummaa Jarmanii Angeelkaa Meerkil waliin mari’achuunsaanii kan yaadatamudha.

Madda: BBC