Balaa abiddaa Chaayinaatti qaqqabeen namoonni 22 du’an

Finfinnee, Adoolessa 09, 2009 (FBC) Chaayinaatti balaa abiddaa mana irratti qaqqabeen lubbuun namoota 22 darbuunsaa himame.

Balaan abiddaa kun kutaa baha biyyattii Magaalaa Chaangishuu keessattidha kan qaqqabe.

Balaan kun gamoo mana-jireenyaa abbaa darbii lamaa magaalattii keessatti argamu irratti kan qaqqabe ta’uu himameera.

Kanneen du’an malees namoonni sadii madaa’aniiru jedhameera.

Poolisiinis balaa kanaan dhimma wal-qabatuun namicha Jiyaang jedhamu to’annoo jala oolchuusaa ibseera.

Gamucha keessa namni hangamii akka jiraatu beekamuu baatus, ka’umsi balaa kanaa qoratamaa jira.

Madda: BBC