Israa’el waliigaltee dhukaasa dhaabuu Siiriyaa akka mormitu beeksifte

Finfinnee, Adoolessa 10, 2009 (FBC) Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Neetaaniyaahuu waliigaltee jarsummaa Ameerikaa Raashiyaa fi Yordaanosiin Kibba Siiriyaatti walitti dhikaasuun akka hin-jiraanne irra qaqqabame akka morman himan.

Ministirri Muummee Neetaaniyaahuu Pireezdaantii Firaans Imaanu’eel Maakroon waliin mari’ataniiru.

Netaaniyaahuun turtii Maakroon waliin qabaataniin booda kaleessa gaazexeessitootatti akka himanitti Tel Aviiv waliigaltee dhukaasa dhaabuu Kibba Siiriyaa irratti irra qaqqabame guutumaan guutuutti nimormiti jedhaniiru.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun Iraan naannoo daangaatti humna ishee caalaatti akka babaliftu kan gargaaru ta’uudha ministirri muummee kun kan ibsan.

Neetaaniyaahuun kaleessa galgala dhimma waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanaarratti Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Reeks Tilarsan waliin bilbilaan mari’achuunsaanii ibsameera.

Wal-diddaan Tel-aviiv Waashingtanii fi Mooskoo waliin qabdu marii dippilomaasiin qofa akka hiikamu himaniiru.

Qondaalli olaanaa biyyattii tokkos Iraan Siiriyaa keessatti humna waraanaa bal’aa bobbasuuf akkasumas buufata qilleensaa fi galaanaa akka qabaattu feeti jechuunsaanii eerameera.

Ameerikaa, Raashiyaa fi Yordaanos guyyoota 10 dura (Adoolessa 7, 2017) Kibba Siiriyaa bulchiinsota Darraa, Sumaayidaa fi Kuneetiraa keessatti dhukaasni akka hin-jiraanne fi naannoon waraana irraa bilisa ta’e akka hundeeffamu waliigalteerra qaqqabuunsaanii kan yaadatamudha.

Waliigalteen kunis Pireezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi gitisaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin yaa’ii biyyoota miseensa Garee 20 Jarman Hambuurgitti geggeeffame cinatti wayita mari’atanittidha kan ifoomsame.

Torban darbes waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun hojiitti hiikamuu jalqabuunsaa kan yaadatamudha.

Mootummaan Siiriyaa Israa’el michoota ishee naannichaa fi biyyoota lixaa waliin ta’uun garee hidhataa Taakfirii nideggarti jechuun nikomata.

Teel-aviiv naannolee tulluu Goolaan loltoota mootummaa Siiriyaan qabaman irratti tarkanfii deebiiti kan jedhuun irra deddeebi’uun tarkaanfii fudhatteetti.

Damaasqoon gamasheetiin kaayyoon halleellaa kanaa inni ijoo hidhattoota Taakfirii Mootummaa Siiriyaa waliin wal-waraanaa jiran deggaruudha jechuun qeeqxi.

Waraanni Siiriyaa yeroo gara-garaa humnoota mormitootaa irraa meeshaalee waraanaa Israa’el keessatti hojjataman booji’uun isaa nihimama.

Israa’el hidhattoota wayita waraana siiriyaa miidhaan irra qaqqabuu deggarsa wal’aansaa ni kenniti kan jedhu odeeffannoowwan ba’aniiru.

Barreessan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareezis ji’oota dhihoo as hariiroon humni waraanaa Israa’elii fi hidhattoonni Siiriyaa uuman xiyyeeffannoo akka barbaadu dubbachuunsaanii hin-dagatamu.

Madda: Pirees TV