Madrak hoji raawwachiistota haaraa filate

Finfinnee, Adoolessa 10,2009(FBC)- Tokkummaan Demokraatawa Federaalawa Ityoophiyaa Madrak hoji raawwachiistota haaraa filate.

Paartichi yaa’ii waliigalaa 13ffaa Adoolessa 8,2009 gaggeesserratti, bakka Boordii Filannoo Biyyoolessaa argametti Dooktar Miiliyoon Tumaatoo dura taa’aa gochuun filateera.

Barsiisaa Gooyta’aam Tsaggaaye itti gaafatamaa dhimma dhaabaa, Proofeesar Bayyanaa Pheexroos itti gaafatamaa qunnamtii alaa, obbo Mulaatuu Gammachuu koominikeeshinii, Raaheel Waalee bulchiinsaa fi faayinaansii, obbo Kaahisaay Zagayyee barreessaa addechaa gochuun filateera.

Miseensota to’annoo oodiitii haaraas kan filate yammuu ta’u; obbo Alamuu Kayiraa walitti qabaa, Kinfee G/yohaannis barreessaa fi obbo Laggasaa Laanqaamoo miseensa taasisuun filateera.

Hoji raawwachiistonni shananis dura taa’ummaan paarticha kan hogganan ta’a jedhameera.

Addichi Koongirasii Federaalawa Oromoo, Paartii Demokraatawa Waldaa Gamtooma Kibba Ityoophiyaa, Aranaa Tigraayii fi Warraaqsa Bilisummaa Sidaamaa kan hammate.

Maddi; Tajaajila Oduu Ityoophiyaa