Bokoo Haraam dubartoota hedduu ergama badanii balleessuutti bobbaasuun adda-duree ta’uunsaa ibsame

Finfinnee, Hagayya 05, 2009 (FBC) Gareen Shororkeessaa Bokoo Haraam dubartoota hedduu ergama badanii balleessuuutti bobbaasuun adda duree ta’uunsaa himame.

Qorannoon Akkaadaamii Waraanaa Ameerikaatti geggeffame akka mul’isutti garichi haala garee hidhataa kamirrayyuu caaluun dubartoota hedduu gocha badanii balleessuuf fayyadameera.

Qorannoo kanaan garichi daa’imman hedduus ergama kanaaf bobbaasuusaati kan ibsame; garichi kana kan raawwatu beekamtii idil-addunyaatti qabu guddisuufi jedhameera.

Kana malees, shakkiin dubartoonni gocha kana niraawwatu jedhu xinnoo ta’uunsaa sababa biraa ta’uunsaa eerameera.

Kana dura Sirilaankaatti bilisummaa Uummattoota Taamiiliif kan jedhuun kan waraanatti ture gareen hidhataa Taamil Taayigar dubartoota badanii balleessitoota hedduu fayyadamuun adda duree akka ture qorannuchi eereera.

Taamiil Taayigar waggaa 10 keessatti ergama waraanaaf badanii balleessitoota dubartii 44 wayita fayyadamu, Bokoo Haraam waggaa kana qofa dubartoota 80 ol gocha kanaaf bobbaaseera jedhameera.

Gareen kun muummeedhaan Kaaba Baha Naayijeeriyaa, Niijeer, Chaad fi Kaameroon keessatti daa’immanii fi dubartoota badanii balleessitoota gocha kanaaf bobbaaseera jedhameera.

Kanaanis balaa bakka gabaa fi waaqeffannaa akkasumas buufataawwan irratti xiyyeeffate qaqqabsiisee miidhaa hedduu geessiseera.

Balaawwan kanneeniin namoonni kuma 2tti hiiqan du’aaf saaxilamuusaanii qorannoo kanaarratti ibsameera.

Madda: BBC