Sudaan Kibbaa Paagaakitti loltoota mootummaa fi mormitoota gidduutti walitti-bu’iinsi uumamuunsaa dhaga’ame

Finfinnee, Hagayya 05, 2009 (FBC) Sudaan Kibbaa Paagak keessatti loltoota mootummaa fi mormitoota gidduutti walitti-bu’iinsi cimaa uumamuunsaa dhaga’ameera.

Walitti-bu’iinsi kun kan uumame humnoonni deggartoonni Reek Maachaar loltoota mootummaa Sudaan Kibbaa ofirraa rukutuuf tarkaanfii fudhataniin ta’uu mormitoonni kunniin ibsaniiru.

Dubbi-himaan mormitoota kanaa Laam Pawl Gabri’eel “bulchiinsa Paagaak Wiixata darbe harka mootummaa galte deebisanii too’achuuf haleellaan kun jalqabameera” jedhaniiru.

“Mootummaan Sudaan Kibbaa Paagakiin guyyoota ja’aan duradha kan nu harkaa baase, kanaaf mootummaa irratti waraana banuuf murteessine” jedhaniiru.

“Sababani isaas Paagaak wiirtuu muummee keenyadha; waan nu harkaa baasaniif deebisiisuufidha tarkaanfii fudhachuu kan jalqabne” jedhaniiru.

Dubbi-himaan Waraanaa Mootummaa Sudaan Kibbaa Gaatluwaak Jook fi Itti-aanaa Pireezdaantii Sudaan Kibbaa Taaban Deng Gaayi mormitoota waliin waraanatti akka jiran mirkaneessaniiru.

Madda: www.reuters.com