Hojiin tola-ooltummaan uummataan dabaalamee waggaa guutuu hojjatamuu qaba: Obbo Lammaa Magarsaa

Finfinnee, Hagayya 07, 2009 (FBC) Humna, beekumsaa fi muuxannoo uummanni keenya qabu, faayidaa Oromoo fi Oromiyaaf oolchuuf tola-ooltummaan murteessaa ta’uu Pireezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa himan.

Har’a Galma Barkumeetti Guyyaan Tola-ooltotaa Waldaa Misoomaa Oromiyaa wayita kabajametti akka jedhanitti gaafa wal-bira dhaabbannu baay’inni keenya tokkummaa keenya cimsinee irree fi onnee misoomaa cimaa nutti hora.

Tola-ooltummaan kunis bifa idileen itti-fufuu qabas jedhani.

Tola-ooltummaan Oromoof waan haaraa osoo hin-taane aadaa akaakilee fi abaabilee keenyaa deeffachuu akka ta’e kan dubbatan Obbo Lammaan, hirmaannaan uummataan dabaalamee waggaa guutuu hojjatamuu qabaa dhaamaniiru.

Sagantaa  kanaarratti dhalattoonni naannitti, qondaaltonni federaalaa fi naannoo argamuusaanii Gamachiis Mihiratee gabaaseera.