Rakkoo ummata Oromoorra ga’u bira cee’uuf tokkummaan murteessadha – Dooktar Abiy

Finfinnee, Fulbaana 1,2009(FBC) -Rakkoo ummata Oromoorra ga’u bira cee’un kan danda’amu tokkummaa qofaani jedhan sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti itti gaafatamaan Waajjira Dhaabbata Demokraataw Ummata Oromoo Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy ergaa baga bara haaraa geessanii preezdaant Lammaa Magarsaa dhageessisaniiru.

Akka dubbii isaaniitti, mana hidhaatti dararamuun, dhiibamuu fi duuti Oromoof haaraa miti; kanarra aanuun injifannoonis galuun tokkummaan yoo jabaate qofa jedhan Dooktar Abiy Ahimad.

Oromoonimmoo hin diigamus hin bittinnaa’us, injifannoodhan irra aana jedhan.

Bara haaraa kanatti dhiigni dargaggoo Oromoo kan itti hin dhangala’ee, daangaan naannichaa qaama hidhateen kan waraannis itti hin labsamne akka ta’u hawwaniiru.

Barichi bara injifannoon kan Oromoo itti ta’us hawwii qaban dhaamaniiru.