Poolisiin Tarkii Istaanbul keessatti hidhattoota IS 25 too’annoo jala oolche

Finfinnee, Fulbaana 02, 2010 (FBC) Poolisiin Tarkii hidhattoota 25 miseensota ISdha jedhee shakkee Istaanbul keessatti too’annoo jala oolchuusaa ibse.

Poolisiin hidhattoonni kunniin magaalattii keessatti balaa qaqqabsiisuuf karoorfatani turani jedheera.

Too’annoo jala kanneen oolfaman keessaa sadii hoggantoota olaanoo garee shororkeessichaa ta’uunsaanii himameera.

Poolisiin hidhatoota kanneen keessaa 22 kan ga’an lamummaa biyya alaa kan qaban akka ta’anidha kan ibse.

Tarkiin kana dura IS waliin hidhata qabu kan jedhuun shakkamtoota kuma 5 ol too’annoo jala oolchuunshee nibeekama.

Lammilee biyya alaa 3,290 biyyoota 95 irraa dhufan kaayyoo garee shororkeessaa kanaa raawwachiisaa jiru jettes biyya isheetii ari’achuunshee himameera.

Qondaaltonni Ankaaraa Tarkiin shororkeessummaa ittisuuf namoonni 38,269 biyyattii akka hin-seenne dhorkuushee eeraniiru.

Torban darbe Poolisiin Tarkii miseensa IS Magaalaa Meersiin qarqara Galaana Meeditiraaniyaan argamtutti buufata poolisii tokko irratti balaa qaqqabsiisuuf qindeessaa ture ajjeesuunsaa kan yaadatamudha.

Madda: Rooyitars