Kooriyaan Kaabaa icciitii waraanaa irratti banamuuf qophaa’e uggurte

Finfinnee, Fulbaana 30,2010(FBC)- Uggurtoonni Kooriyaa Kaabaa icciitii wraanaa Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa biyyattiirratti labsuuf turan butan.

Icciitichi qophii ajjeechaa hogganaa biyyattii Kiim Joong-uunis ni qaba.

Abbaan seeraa Kooriyaa Kibbaa Rhii Chool-hiin akka jedhanitti, icciitichi kan butame Raayyaa Ittisaa biyya isaa jalaayi.

Raayyan Ittisa biyyaa Kooriyaa Kibbaa gama isaatin dhimmicharratti deebii laachuu hin barbaanne.

Humni addaa biyyattii maddoota anniisaa fi buufataalee raayyaa ittisaarratti tarkaanfii fudhachuuf malurrattis icciitichaan qabameet ture.

Uggurrichaan Raayyaa Ittisaa Kooriyaa Kibbaa jalaa amma ammaatti odeeffannoon giiggaa baayitii 235 kan butame yammuu ta’u, %80 isaa adda baafameera.

Uggurrichi bara darbe baatii Faranjootaa Fulbaana keessa ture kan raawwatame. Caamsaa keessa Kooriyaan Kibbaa ugguramuushee himattus Kooriyaan Kaabaa dhimmicha icciitin qabatteetti jedheera “BBC”n.