Veetinaamitti lolaa fi sigigoodhan namoonni 37 yoo du’an, 40 dhabaman

Finfinnee, Onkololeessa 2,2010(FBC) – Kaabaa fi jiddugala Veetinaamitti balaan lolaa fi sigigoo lafaa lubbuu namoota 37 galaafate.

40 ammoo as buuten isaanii hin baramne.

Namoonni 21 cimaa fi salphaa kan miidhaman yammuu ta’u, manneen kuma 1 ol diigamaniiru.

Hoggansi Sodaa Balaa Veetinaam manneenii fi bu’uuraaleen misoomaa 16,740 ta’anis balaa hamaarra jiru jedheera.

Nannichatti roobni cimaan roobaa jiraachuu isaatin namoota kuma 200 ta’an baasuu fi deeggaruuf hojjetamaa jiras jedheera.

Maddi; Aljaziiraa