Wixineen labsii hojjattoota mootummaa fooya'e mana-mareetti dhihaate

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2010 (FBC) Wixineen labsii Hojjattoota Mootummaa Federaalaa fooya’e Mana-maree Bakka-buutota Uummataaf dhihaate.

Wixineen labsii kun Labsii Hojjattoota Mootummaa Federaalaa Lakkoofsa 515/99 bakka buusuuf kan qophaa’edha.

Sababni labsii kana duraa fooyyessuun barbaachisee pablik sarvisii miira uummata tajaajiluu, ga’umsaa fi naamusa qabu uumuu akka ta’e eerameera.

Kana malees, labsicha fooyyessuun filannoo waajjira mootummaa keessaa fi sirna filannoo bu’uuraan jijjiiruun sadarkaa idil-addunyaatti hojimaata ogummaa fi mirkaneeffannaa ga’umsa hojii diriirsuuf barbaadamuusaa sanada kanaarratti eerameera.

Akkasumas qaawwalee labsii duraanii irratti mul’atan furuuf fi kiraa-sassaabdummaa fi rakkoo bulchiinsa gaarii pablik sarvisii keessa jiru furuu kan dandeessisu seerri akka jiraatu gochuufi jedhameera.

Wixinee labsii haaraa kana keessatti caasaan waajjiraalee mootummaa, madaallii hojii, ‘iskeeliin’ miindaa fi duurgoo, nageenyi naannoo hojii fi fayyaan , mirgaa fi dirqamni, tarkaanfiiwwan naamusaa, manni-murtii bulchiinsa hojjattoota mootummaa fi dhimmoonni qaaccee kaan hammatamaniiru.

Wixinee labsii kana keessa murtoowwan fooya’anii dhihaatanii fi haaraa itti-dabalaman kan jiran yoo ta’u, hojjataan mootummaa tokko pablik sarvisiitti kan itti-seenu sirna ga’umsa mirkaneessuu haaraa diriirsuu akka barbaachisu sirreefama kana irratti dhihaateera.

Miindessuu hojjataa yeroofii ilaalchisee mirgaa fi dirqama hojjattoota yeroofii murteessuun raawwii isaa irratti qaawwaa uumaa kan ture waan ta’eef mirga hojjattootaa eeguu irratti rakkoon olaanaa uumamaa turuunsaa ka’eera.

Haala kanaan wixinee labsii haaraa irratti mirgoonnii fi dirqamoonni bu’uuraa labsiiwwan yookiin danbiiwwan Gaazexaa Nagaariit irratti maxxanfamanii ba’aniin mul’ifamu akka qaban eerameera.

Hojjattoota ogummaa addaa fi beekumsa qaban hojimaata waajjiraaleen mootummaa waliin mindessanii waliin fayyadamuu itti-danda’an diriirsuu barbaachisaa ta’uu labsii kanaa keessatti haammatameera.

Sirreeffamni taasifame maal-fa’i?

Kuni hojiitti kan hiikamu beekumsi addaa hojjataa, humni ogummaa wajjirichaaf baay’ee barbaachisaa ta’ee wayita argamu akka ta’ee fi haalli miindeffamuu , yeroon turu, kaffaltiin miindaa fi haalonni kaan qajeelfama ministeerichi baasuun akka murteeffamu wixinee kanaarratti eerameera.

Hojjataan mootummaa kamiyyuu sadarkaa hojii banaa irratti guddinni kennamuufii kan danda’u ulaagaalee kaan malee dirqama sadarkaa hojichaaf mirkaneeffannaa ga’umsaa dhiheessuu wayita danda’u ta’a.

Hojimaata duriin hojjataa mootummaa waggaa tokkoo oliif barnootaaf yookiin leenjiif deeme bakka buusuuf namoonni eeeggattummaan ramadaman yeroo dheeraaf ramaddii hojichaa irratti dorgommii malee akka ramadaman taasifamuunsaa komii uumaa tureera.

Wixinee labsii haaraa kanaanis sirreeffama taasisuun ramaddichi maallaqaa fi faayidaa waliin kan wal-qabatu waan ta’eef murtoo qofaan ramaddicha raawwachuun haqa-qabeessaa waan hin-taaneef dorgommiin raawwatamuu akka qabu barreeffameera.

Hojjataan mootummaa tokko waajjira mootummaa kaanitti wayita jijjiiramu akka miindeffamaa yaalii haaraatti osoo hin-lakka’amin, ragaa fayyaa fi imaammataa osoo hin-gaafatin, mirgoonni fi faayidaaleen labsicha keessatti eeraman eegamaniifi jijjiiraan akka keessummeessamu hojimaati ibsu haammatameera.

Abbaa-warraa fi haadha warraa bakka hojii gara-garaa jiraatan wal-quunnamsiisuuf jechuun waliigaltee hojjataa mootummaa bu’uureffachuun ramaddiin wal-fakkaataa yoo argamuu baate sadarkaa fi mindaa gadi buusuun jijjiiruun hojjachiisuun akka danda’amu wixinee kanaarratti dhihaateera.

Eyyama ilaalchisee eyyamni da’umsa boodaa hojjattoota mootummaa dubartootaaf kennamu guyyoota 60 gara 90tti akka guddatu taasifameera.

Kunis haadholiin daa’ima isaanii kunuunsuuf yeroo boqonnaa gahaan kennamuufii akka qabu ogeeyyiin fayyaa yaada kennuu isaaniin fi muuxannoo biyyoota kaan irraa fudhachuun kan murtaa’edha.

Murtoon eyyama da’umsaa kun dubartoota ulfi irraa ba’e kan haammate yoo ta’u, keessumaa dubartoonni da’umsaan dura boqonnaa fudhatanii ulfi irraa ba’e baatiin da’umsaa isaanii erga galee booda waan ta’eef yeroo ulfi irraa ba’uu bu’uureffachuun hojiin eyyama da’umsa duraa fi eyyama da’umsa boodaa itti-fayyadamuu dandeessu akka haammatamu taasifameera.

Abbaan-warraa haati warraan isaa wayita deessu eyyama guyyaa 5 qofa akka kennamuuf taasisuun gahaa akka hin-taane dhimma irra deddeebi’uun ka’u waan ta’eef dhiironni gahee michummaa isaanii akka taphatan guyyoonni 10 akka kennamuuf kan jedhuun fooya’eera.

Eyyama dhibee ilaalchisee labsiin amma hojiirra jiru hojjataan eyyama waggaarra jiru wayita dhibamu haala kamiin keessummeeffamuu akka qabu ifatti hin-kaa’u.

Kun ammoo rakkoo waan quunnamsiiseef hojjataan eyyama waggaa irratti argamu yoo dhibame fi eyyamni ogeessa fayyaan yoo kennameef eyyamni waggaa isaa addan citee eyyama isaa akka fayyadamu akka taasifamu ifatti wixnee labsii kanaarratti eerameera.

Karaa biraatiin eyyamni dhibee baatiiwwan sadii jalqabaa miindaa guutuu waliin, baatiiwwan itti-aanan sadiif ammoo miindaa walakkaa waliin fi baatiiwwan itti aanan lamaaf ammoo miindaa malee akka kennamu labsiin duraanii ni kaa’a.

Wixinee labsii haaraa kanaan garuu baatiiwwan jalqabaa ja’a miindaa guutuu waliin, baatiiwwan itti-aanan lama ammoo mindaa walaakkaa waliin akka kennamuuf kan jedhuun fooyya’eera.

Labsichi sirreeffamootaa kaan hedduu kan haammate yoo ta’u, miseensonni mana-marichaa erga qoratanii booda koree dhaabbii isa ilaallatuu qajeelchameera.

Mihirat Anduwaalam