Muummen ministiraa Haaylamaariyaam miseensota seeneetii fi koongirasii Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 3,2010(FBC) – Muummen ministiraa Haaylamaariyaam Dassaalany miseensota seeneetii fi koongirasii Ameerikaa waliin nagaa fi tasgabbii eegsisuurratti mari’atan.

Marichi hariiroo Ityoophiyaa fi Ameerikaa cimsuurratti kan xiyyeeffate yammuu ta’u, itti aanaa muummee ministiraa Dammaqaa Makoonnanii fi preezdaantota naannolee dabalatee qondaaltonni olaanoo hirmaataniiru.

Maricharratti kan hirmaatan ministirri Dhimma Alaa Doktar Warqinah akka jedhanitti, biyyoonni lamaan hojiilee jajjaboo waliin hojjechaa waan jiraniif mariin gaggeeffames hariiroo isaanii cimsuuf ni gargaara.

Gaanfa Afrikaatti nagaa buusuu fi shororkeessummaa ittisuurratti hojiin waliin hojjechaa jiran fakkeenyummaa gaarii akka qabus eeraniiru.

Seenaataroonni mariin waliin gaggeeffames Ityoophiyaa sirriitti kan beekan ta’uu bakka bu’aan isaanii Jams Iinhoof himaniiru.

Isaanumtuu waa’ee Ityoophiyaa waggoottan 23n darbaniif hordofaan ture jedhan.

Mariin ammaa kunis hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti ceesisuuf dansaadha jedhanii, gamtoomni isaaniis nagaa fi tasgabbii akkasumas shororkeessummaa ittisuun itti fufa jedhan.