Ministiroonni dhimma alaa IGAD mootummaa fi mormitoota Sudaan Kibbaa waliin Juubatti mari’atu

Finfinnee, Onkololeessa 3,2010(FBC) –Ministiroonni dhimma alaa miseensa biyyoota IGAD mootummaa fi finciltoonni Sudaan Kibbaa Juubatti mariisisuufi.

Ityoophiyaa dabalatee miseensonni IGAD paartilee siyaasaa Sudaan Kibbaa keessa socho’an waliin mari’achuuf hara’a gara Juubaa imalu.

Maricharratti ministira Dhimma Alaa Ityoophiyaa Dooktar Warqinah Gabayyoo dabalatee, ministiroonni dhiima alaa Keeniyaa, Sudaan, Yugaandaa akkasumas ministir deettonni dhimma alaa Jibuutii fi Soomaaliyaa ni argamu jedhameet eegama.

Qondaaltonni biyyoota kanneeniis mootummaa Sudaan Kibbaa fi humnoota Sudaan Kibbaa waliin kan mari’atan ta’a.

Ministiroonni dhimma alaa IGAD kanaan dura gara Afrikaa kibbaa imaluun itti aanaa preezdaantii duraanii fi hogganaa mormitootaa Dooktar Riik Maachaar haasofsiisun isaaanii ni yaadatama.

Waliigalteen nageenyaa biyyattiitti mallattaa’e akka hojiitti hiikamu IGAD carraaqqii taasisaa jiraachuusaa Ministeera Dhimma Alaatii ragaan arganne ni muul’isa.