Muummen ministiraa Haaylamaariyaam Emiira Kuwaataar waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 5,2010(FBC)-Muummeen Ministiraa Haaylamaariyaam Dassaalany Emiira Kuwaataar Sheek Taamiim Biin Hamaad Altaanii waliin mari’atan.

Emiirichi diinagdee fi hawaasummaarratti Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii akka qaban ibsaniiru.

Diinagdee Ityoophiyaa guddachaa jiru keessattis hirmaachuu akka barbaadan ibsaniiru.

Ityoophiyaan Gaanfa Afrikaatti nagaa fi tasgabbiin akka bu’uuf shoorri taphachaa jirtu olaanaa ta’uu kaasanii, sanaafis dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.

Muummeen ministiraa gama isaanitiin Kuwaataar misooma Ityoophiyaa akka deeggartu gaafataniiru.

Biyyoonni lamaanis invastimantii fi misooma gara- garaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee walii mallatteessaniiru.

Muummeen Ministiraa Haaylamaariyaam Faawundeeshinii Kuwaataar daawwataniiru.