Hanqina ‘simmintoon’ ijaarsi manneen-jireenyaa waliinii 20/80 dhaabbateera: ‘kontiraaktarotaa’ fi gorsitoota

Finfinnee, Sadaasa 5, 2010 (FBC) Sababa hanqina ‘simmintoo’ fi kafaltiin kontiraaktarootaaf kaffalamuu qabu harkifachuunsaan ijaarsi manneen-jireenyaa waliinii 20/80 dhaabbachuusaa ‘kontiraaktaroonni’ fi gorsitoonni yaada isaanii Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif kennan ibsaniiru.

Kontiraaktaroonni harki caalan hanga hojjataa gadhiisuutti ga’aniiru.

Sagantaan misooma manaa 20/80 rakkooleen itti-daddabalamaa jiru saffisa barbaadameen deemaa akka hin-jirre taajjabbii baay’otaati.

Tibbana ‘gaazexeessaan’ Faanaa Biroodkaastiing Korporeet Finfinnee naannoo Safaraa Arraabsaa bakka jedhamu deemuun akka daawwatetti manneen jireenyaa waliinii 20/80 ijaarsi isaanii waggootaan dura jalqabame akka jalqabametti akka jiru taajjabeera.

Manneen ijaarsi isaanii dhaabbatee jiru kunniin waajjira damee kutaa Magaalaa Yakkaa jalatti bulu. Waajjirichi kontiraaktaroota 61 qabatee gamoowwan 140 ijaaraa kan jiru ta’us ijaarsisaanii rakkoon xaxamee waggoota afur lakkoofsiseera.

Gorsaa fi kontiraaktarri maqaan isaanii akka hin- eeramne barbaadan rakkoolee jiran keessaa hanqinni ‘simmintoo’ mul’ate isa ijoo ta’uu himanii, wayita ammaa ganda ijaarsaa sana keessa simmintoon hin-jiru jechuun akka danda’amu ibsaniiru.

‘Kontiraaktaroonni’ kunniin waa’ee rakkoo kanaa irra deddeebi’uun gabaasanis, rakkinichi hiikamuusaa itti-himamuusaan ala deebii qabatamaa argachuu akka hin-dandeenye yaada isaanii kennaniiru.

Waajjirri Damee Piroojaktii Misooma Manneenii Yakkaa ammas deebiin isaa rakkoon kun furamaa jira kan jedhu ta’eera.

Dhuguma waggoota lamaan darbaniti rakkoon hanqina galtee ijaarsaa mudatee akka ture Hoji-geggessaan waajjirichaa Obbo Mallas Tagany himanii, hanqinichi akka mudatuuf ammoo sababa kan ta’e Waldaaleen’ Intarpiraayizii Maayikroo’ fi Xixiqqaa oomisha qulqullina qabu dhiheessuu dhadhabuusaaniin waliigalteen isaanii akka citu taasifamuuti jedhaniiru.

Wayita ammaa garuu, waldaaleen 10 ga’an seenanii hojjataa akka jiranii fi rakkoon galtee ‘simmintoon’ ala akka hin-jirre himaniiru.

‘Simmintoon’ waldaalee galtee ijaarsaa kana akka ‘bilookkeettii” oomishaa jiraniif kennamaa kan jiru yoo ta’u, kontiraaktarootaaf garuu kennamaa akka hin-jirre ‘gaazexeessaan’ Faanaa Biroodkaastiing Korporeet ganda ijaarsa manneen jireenyaa waliinii kana daawwate gabaaseera.

Hanqinni ‘simmintoo’ kun ammoo rakkoo waajjira ‘piroojaktii’ tokkoo qofa osoo hin-taane hammisaa garaa-gara ta’us waajjiraalee ‘piroojaktii’ misooma manneenii magaalattii 18 irratti kan mul’atudha.

Sababani isaas kanaan dura ‘simmintoo’ bitee dhiheessaa kan ture Waajjira ‘piroojaktii’ Misooma Manneenii magaalattii kan ture yoo ta’u, wayita ammaa garuu sirna bittaa waajjira piroojaktichaa sirreessuuf kan jedhuun galteewwan ijaarsaa hundi karaa Ejansii Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa Mootummaa bitamanii kan dhihaatan ta’usaa ta’uu Hoji-geggessaan waajjirichaa Obbo Haragoot Alamuu nihimu; caalbaasiin ba’ee kan moo’ate hanga beekamutti yeroo dheeraa fudhachuusaa rakkoo kanaaf isaan saaxiluu isaa himuun.

Haata’u malee, hanqina kana salphisuuf furmaata kennuuf jecha waajjirichi ‘simmintoo’ kuntaala kuma 200 Mugar irraa kallattiin bituun rakkinicha salphisuuf yaalee ture, hagam fedhiisaa guutuu dhadhabus.

Bulchiinsi Bittaa Mootummaa Magaalattii warshaalee ‘simmintoo’ injifataniiru jedhaman adda baasuusaan kana booda rakkoon ‘simmiittoo’ hin-jiraatu jedhu.

Kun osoo kanaan jiruu garuu, kontiraaktaroonni rakkoon ‘Simmintoo furamus’ rakkoon kaffaltii hojichaaf kaffalamu yeroon kaffalamuu hafuu hojii isaanii irratti dhiibbaa uumaa akka jiru kaasaniiru. Obbo Haragoot rakkoon kaffaltii kun rakkoo waajjira piroojaktichaa akka hin taane fi rakkoo hojimaata kaffaltii dheeraa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru.

Dhimma kanaarratti Faanaa Biroodkaastiing Korporeet hoggantoota Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa argee haasofsiisuuf irra deddeebi’uun yaalus osoo hin-milkaa’iniif hafeera.

Waajjirri piroojaktichaa garuu rakkoo isaanii waliinis haa ta’u manneen jireenyaa ijaaraa jiru ijaarsa isaanii waggaa kanatti %80 ga’uuf karoorfatee hojiitti jira. Taaddasaa Buzu’aalamtu gabaase.