Roobart Mugaabee aangoo fedhii mataa isaaniin gadhiisan

Finfinnee, Sadaasa 12, 2010 (FBC) Pireezdaantiin Zumbaabuwee Roobart Mugaabee aangoo isaanii fedhii mataa isaaniin gadhiisuusaanii Af-yaa’iin paarlaamaa biyyattii jaakoob mundeenaa himaniru.

Mugaabeen ergaa barreessaniin murtoo kana fedhii isaanii fi ce’umsi aangoo nagaa akka jiraatuuf kan kan murteessan ta’uu himaniiru.

Murtoon Roobart Mugaabee dinqisiisaa kun adeemsa himati irratti banamee aangoorraa akka ka’aniif itti-adeemamaa ture akka dhaabbatu godheera.

Mugaabeen fedhiin aangoo gadhiisuu isaaniin wal-qabatees lammileen Zumbaabuwee daandiitti ba’anii gammachuusaanii ibsaa jiru.

Madda: BBC