Naqamtetti paarkii indaastirii ijaarramuuf qophiin taasifamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 13,2010(FBC) –Wallagga bahaa magaalaa Naqamteetti lafa heektaara 282 irratti paarkii indaastirii ijaarramuuf qophiin taasifamaa jira.

Itti gaafatamaan babal’ina misooma indaastirii magaalaa Naqamtee obbo Tasfaayee Ayyaansaan, baatii darberraa kaasii ijaarsa indaastirichaaf qophiin taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Namoota 194 safarriin lafaa bifa beenyaa kaffaluuf toluun raawwatamaa jira.

Ijaarsa paarkichaatin dura dallaa kiiloo meetira 6.6 naannessaa paarkichaatti ijaaruuf hojjetamaa jira.

Akka obbo Tasfaayeen jedhanitti, ijaarramuu paarkichaatin carraa hojii nananichaaf uumamuun ala, sharafa alaa hambisuun oomishaalee alaa dhufan biyya keessatti oomishuun Wallaggi arfaniifuu fayyadamoo ta’a jedhan.

Paarkichi dargaggoota kuma 10f carraa hojii akka uumus itti abdatameera.