Iikwaadoor Wiiliyaam Aasaanjif lammummaa laatte

Finfinnee, Amajjii 4,2010(FBC)- Iikwaadoor Wiiliyaam Aasaanjif lammummaa guutuu akka laattu beeksiste.

Funaantuu fi aduu dhoofsisaan odeeffannoowwan icciitii addunyaa; Wiiliyaam Aasaanj Briitaaniyaa magaalaa Landanitti imbaasii Iikwaadoor keessa waggaa 5 oliif kooligaltummaan jiraachaa tureera.

Ministirri Dhimma Alaa Iikwaadoor Maariyaa Feernaandaa Eespiinoosaan kaleessa magaalaa guddoo Iikwaadoor Kuwiittoodhaa ibsa laataniin, Wiiliyaam Aasaanjif lammummaa guutun laatamuu eeraniiru.

Lammummaan isaas Muddee 3,2017 irraa kaasee kan ragga’eef ta’uun ibsameera.

Rakkoo mootummaa Briitaaniyaa waliin qabus hiikuuf hojjetamaa jira jedhameera.

Ministeerri Dhimma Alaa Briitaaniyaa deebii laaten, gaaffin Iikwaadoor fudhatama hin qabu jedheera.

Wiiliyaam Aasaanj bara Faranjootaa 2012 kaasee imbaasii Iikwaadoor keessa jiraachaa jira.

Swiidiinii sababii miidhaa koorniyaan himannaa irratti baname dheeffeti imbaasicha keessa jiraachaa kan jiru.

Himannaan ga’eessa umrii 45 kanarratti baname waggaa 7n booda bara darbe akka cufamu abbaan alangee Swiidiin ajajuun isaa ni yaadatama.

Poolisiin Briitaaniyaa garuu dallaa imbaasii Iikwaadoorii ba’ee isa argannaan mootummaa Ameerikaaf dabarsee akka isa laatu ibseera.

Hundeessaan Wiikiiliiks; Wiiliyaam Aasaanj sanadoota diippiloomaasii fi loltummaa kuma 100n lakkaa’aman baasuusaatin Ameerikaan yakkaan isa barbaaddi.

Maddi; www.presstv.com