Dhalattoonni Oromoo Beenishaanguul Guumz buqqaatotaaf deeggarsa taasisan

Finfinnee, Amajjii 5,2010(FBC) –Dhalattoonni Oromoo naannoo Beenishaanguul Guumz jiraatan lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anif deeggarsa taasisan.

Jilli dhalattoota Oromoo kun kiilo meetira 700 ol qaxxaamuruun guyyaa har’aa deeggarsa lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif ta’u Birrii 748,013.18 koree deebisanii dhaabuu buqqaatootaaf laatera.

Sirna walharkaa fuudhinsa kanarratti itti aanaan preezdaantii fi hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Umar Huseen rakkoon dhufe carraa tokkoomuu Oromoo qabatee dhufeera; isinis deeggarsa taasistaniif ni galateeffanna jedhaniiru.

Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Oromiyaarraa akka odeeffannetti walitti qabaan koree deebisanii dhaabuu buqqaatotaa Dooktar Abarraa Dheeressaan lammiileen hedduun buqqa’anis tumsi taasifamaa jiru abdachiisadha jedhaniiru.

Deeggarsa lammiirraa hanga ammaatti taasifamaa jiruun buqqaatonni rakkoo hamaaf otuu hin saaxilamin jiraachisuun, deebisnee dhaabuuf Oromiyaa keessatti manni jireenyaa ijaarramaa jira jedhan.