Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 30ffaaf hoteelonni 132 qophaa’aniiru

Finfinnee, Amajjii 5,2010(FBC) –Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 30ffaaf hoteelonni sadarkaa isaanii eeggatan 132 keessommoota isaanii simachuuf qophaa’aniiru.

Ministeerri Aadaa fi Tuuriizimii hoteelonni sadarkaa isaanii eeggatanii, gatii madaalawaan tajaajila akka laataniif qophiin taasifameera jedheera.

Hoteelonni gama isaanitiin qophii barbacahisaa taasisuun keessummoota isaanii simachuuf guyyaa dhufan eegaa akka jiran himaniiru.

Hoteelota sadarkaan ba’eefin ala haaraa itti dabaluuf ulaagaalee akka guuttataniif hojjetamaa jiraachuunis eerameera.

Gatiirratti keessummoonni akka hin komanneefis iftaanitti hoteelota waliin mari’achuuf beellamni murameera.

Yaa’ii Amajjii 14 amma 22,2010tti Finfinneetti gaggeeffamu kanarratti hoggantoonni biyyoota Afrikaa fi biyyoota biroo, bakka buutonni aardittii fi dhaabbilee idil addunyaa ni argamuun eegama.

Maddi;TOI