Muummen ministiraa Haaylamaariyaam Wiixata daawwii hojiif gara Gibts imalu

Finfinnee, Amajjii 5,2010(FBC) –Muummen ministiraa Haaylamaariyaam Dassaalany daawwii hojiif Wiixata gara Gibts imalu.

Muummen ministiraa Haaylamaariyaam daawwii hojii kanaan amma Roobii kan turan yammuu ta’u, preezdaantii biyyattii Abdal Fattaah Al Siisii waliin ni mari’atuun eegamu.

Daawwin kun Muddee keessa gaggeeffamaan eegamaa ture.

Daawwin hojii kun muummee ministiraa Haaylamaariyaam Dassaalany, ministira Dhimma Alaa Dooktar Warqinah Gabayyoo, Gibtsitti ambaasaaddara Ityoophiyaa Taayyee Atsqasillaasee dabalata jedehameera.

Al Masrii Al Yuum akka gabaasetti muummen ministiraa Haaylamaariyaam Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Gibtsitti argamuun haasaa kan taasisan ta’a.

Obbo Haaylamaariyaam marii preezdaant Abdul Fattaah Al Siisii waliin taasisanirratti dhimma hidha Haaromsaarratti Baankin Addunyaa mariisisaan yaa hirmaatumoo hin hirmaatiniirratti deebii ni laatus jedhameera.

Baankichi akka mariisisaatti akka hirmaatu gaafachaa kan turte Gibtsi.

Ministirri Dhimma Alaa Gibt Saameeh Shukriin baatii darbe Finfinnee dhufuun muummee ministiraa Haaylamaariyaamii fi ministira Dhimma Alaa Dooktar Warqinah Gabayyoo waliin mari’achuun isaanii ni yaadatama.

Maddi; http://www.egyptindependent.com