Kooriyaan Kaabaa Kooriyaan Kibbaa akka ishee daawwattu affeerte

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2010 (FBC) –Obboleettin Kiim Joong-un preezdaantiin Kooriyaa Kibbaa Muun Jee-in Kooriyaa Kaabaa akka daawwatan affeeran.

Obboleettin hogganaa Kooriyaa Kaabaa; Kiim Yoo-joong sirna baniinsa olompiikaarratti hirmaachuuf Kooriyaa Kibbaa jiru.

Preezdaantiin Kooriyaa Kibbaa daawwicha fudhatanii gara Kooriyaa Kaabaa kan imalan taanan; waggaa 10n booda hoggantoonni olaanoo biyyoota lamaanii walarganii yoo mari’atan kan jalqabaa ta’a.

Preezdaantiin Kooriyaa Kibbaa Kooriyaa lamaan minjaalan walitti siqanii rakkoo isaanii hiikuu qabu jedhan.

Kooriyaan Kaabaas Ameerikaa waliin mari’achuun nananichatti nageenya buusuun barbaachisaadhan waamicha dhiyeessaniiru.

Obboleettin hogganaa Kooriyaa Kaabaa siiyaasa biyya isaanii keessatti bakka olaanaa qaban, preezdaantii Kooriyaa Kibbaa waliin masaraa biyyoolessaa magaalaa Se’oolitti argamutti walarganii mari’ataniiru.

Xalayaan affeerraa daawwii harkaan barreeffame Kiim Yoo-joongin preezdaantii Kooriyaa Kibbaa Muun Jee-inif kennameera.

Waraana Kooriyaa bara Faranjootaa 1950niin booda daawwin akkanaa kan jalqabaati.

Qondaaltonni lamaan sa’aa 3f dhimmoota hariiroo biyyoota isaanii fooyyessuurratti mari’ataniiru.

Daawwiin preezdaantichaas yeroo gabaabaa keessatti akka ta’u Kooriyaan Kaabaa affeertetti.

Affeerraa daawwii barreeffamaan preezdaantichaaf ergameen; “Kooriyaa lamaan rakkoolee jiran furanii, walitti dhufeenya gaarii uumuun, badhaadhinaa fi gamtoomaf kan waliin hojjetan ta’a.” jedha.

Maddi; BBC